Irreechi baranaa ‘akka duraanitti’ nama hunda hirmaachisee kabajama

Share/Qoodi
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  

Irreechi baranaa ‘akka duraanitti’ nama hunda hirmaachisee kabajama – Abbaa Gadaa

Kabaja Irreechaa 2020 suuraan
Ibsa waa’ee suuraa,Kabaja Irreechaa 2020 suuraan

Irreechi malkaa hora Finfinnee fi Hora Harsadii bara 2021 uummata Oromoo biyya keessaa fi alaa mara akkasumas sabaa fi sab-lammoota haala hirmaachiseen akka kabajamu murteessuu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksise.

(BBC Afaan oromoo)”Akka duraaniitti, odoo waan tokko keessaa hin hafiin, qeerroon qarreen, jaarsaa jaartiin haa irreeffatu kan jedhu murteessiine,” jechuun Abbaan Gadaa Tuulamaa fi barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa BBC’tti himan.

Ayyaanichi bara darbe sababa weerara koronaavaayirasiin namoota murtaa’e qofaan ture kan kabajame.

Oromoon dhaha ilaallate guyyaa ayyaanota adda addaa murteessa kan jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, Irreechi malkaa bara kanaa Fulbaana 22 hora Finfinneetti, Fulbaana 23 ammoo magaalaa Bishooftuu hora Harsadiitti akka irreeffatamu murtaa’uus himaniiru.

Murteen kun Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo marii Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa waliin Kibxata magaalaa Adaamaatti gaggeesseen booda murtaa’e.

Kabaja Ayyaana Irreechaan wal-qabatee yaaddoon nageenyaa fi Covid-19 jiraachuu kan himan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, dhimma nageenyaa qaama dhimma nageenyaatiif, dhimma Covid-19 ammoo biirolee fayyaa magaalaa Finfinnee, Oromiyaa fi Federaalaatti kennineerra jedhan.

Weerarri koronaavaayirasii tibbana Itoophiyaa keessatti akkaan dabalee jira. Guyyaa kaleessaa qofa namootni 37 dhukkuba Covid-19n kan du’an yoo ta’u, kunis lakkoofsa namoota du’anii isa olaanaadha.

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa gosti vaayirasii ariitiin tamsa’uu fi nama ajjeesuunis hamaa ta’e ‘Delta virus’ jedhamu Itoophiyaa keessatti argamuu beeksiseera.

Hirmaattoota Irreechaa

“Uummatni dhimma weerara kanaarratti hubannoo akka argatu, maal gochuu akka qabu ibsa akka argatu biiroolee fayyaatti kennineerra,” jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

“Kan bar-dheengaddaa hanga dhukkubichi mataafi miilli beekamuutti, hanga wanti ija dura of qaban baramuutti, hanga uummata biratti xiyyeeffannoo argatutti” jedhamee namoota muraasaan akka kabajamu murtaa’e jedhan.

Irreecha Finfinnee bara kanaa irratti namootni miliyoona 10 ta’an irratti argamu jedhanii akka eeganis Abbaan Gadaa himaniiru.

Leave a Reply