URJII: GAAFIIN OROMOO GAAFII MIRGA ABBAA BIYYUMAATI Sep 6/2021

Share/Qoodi
  •  
  •  
  •  
  •  
  •  

Gaafiin Oromoo Gaafii Mirga Hiree Murteeyfannaa Abbaa Biyyummaa Oromiyaati.

By Toleeraa Fiqruu Sep 6/2021

(URJII) Bara 2002 ALAtii kaasee sochii Oromoon geggeessaa yoona gahe, keessattiyyuu sochii dargaggoota Oromoo itti siqeenyaan hordofeera. Yeroo kana keessatti kanaan haalan hubadhe gaaffiin Oromoo kan hiree ofii ofiin murteeffannaa ta’uu isaa ti. Gabaabumatti gaaffii abbaa biyyummaa ti. Hangan hubadhetti sochii kun ilaacha paartii siyaasaa irratti kan rarra’e hin turre. Aangoo siyaasaa mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffates hin turre. Bifa warraqsa hawaasaantiin (social movement) geggeffamaa bahe. Qabsoo aangoo siyaasaa mirkaneeffachuuf karaa paartii siyaasaa geggeeffamuu fi warraaqsa hawaasaa gaaffii bu’uuraa mirga namoomaa mirkanneeffachuuf adeemsifamu sirriitti adda baasanii hubachuu dhabuun ni mul’ata. Kun ammoo tafjaajii [confusion] yeroo inni uumus argineerra.

Bu’uurri sochii hawaasaa olitti caqafamee ammoo Addi Bilisummaa Oromoo bara 1973 dhalatee, gaaffiin hiree ofii ofiin murteeffannaa Oromoo bifa jaarmiyaa qabatee, sab giddumma gonfatee akka tarkaanfatu taasisuu isaa ti. Kun waan wal nama falmsiisu natti hin fakkaatu. Sababuma kanaan Oromoon sochii haqaa kana deggeru kamiyyuu maqaa jaarmichaatiin hidhamaa, ajjeefamaa, ari’aatamaa bahe. Hata’u malee sochiin kun guyyuu jabaachaa, sabgidummaa hor’achaa adeemee.

Bara 2000 eeglaa keessa [early 2000] sochiin kun bifa jabaatee akka deemuuf, gaheen barattoota Oromoo kan sadarkaa lamaafaatii hanga Yunivarsiitii biyyattii keessa jiranii olaanaa ture. Bara 2004tti yeroo fincilli diddaan barattootaa Ambootti eegalu qaamaan achi deemee gabaasuuf carraa argadheera. Akkaataa gaaffiin barattootaa ittiin qindaawe, kutannoo barattootaa, naamusi sochiichaa kanan tilmaamuu danda’uun ol ture.

Haata’u malee, sochiin barattootaa kun Oromiyaa bakka hundaatii, waldhunfaatee, walfaana deemaa hin turre. Akkuma tooftaan odeeffannoo waliin gahuufi itti fayyadama miidiyaa cimaa deemeen sochiin jabaatee sabgiduummaa hor’achaa adeeme. Kana keessatti gaheen miidiyaa guddaa ture. Ibsa ejjennoo barattoonni Yuniversiitii addaa addda irraa nuuf ergan wal simachiifnee, Afaan Amaaratti jijjirree maxxansaaf dhiyessuuf halkan guutuu irra bulla turre. Barattoonni Yunivarsiitii addaa addaa keessa turan ibsa ejjennoo jajjaboo baasuudhaan gazexaa irratti akka maxxamfamuuf wal dorgommii isaan taasisan sochiin sun daran jabaachaa akka deemuuf shoora guddaa xabateera.

Gama Raadiyootiin Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) sochiin kun Oromiyaa kallattii hundaatii walitti hidhatee, wal hubatee akka deemuuf gahee guddaa bahe. Odeeffannoo fi sagantaalee ummata dadammaqsanii fi hubachiisan danuu tamsaasa ture. Osoo dubbannuu SBO wajjin walqabatee osoo hin caqasin kanan bira dabruu hin qabne tokkon yaadadhe. Bara gazexaa qopheessinu sana maddi odeefannoo keenyaa warri gurguddaan lama turan.

Tokkoffaan ripoorteroota kaffaltii malee hojjetan [amateur journalists] godinaalee Oromiyaa danurraa nu faana hojjetan turan. Warra kana keessaa kan akka Useen Bultuum, ijoollee obbo Dhaqqabaa Waaryioo lameen (osoo dubannuu obbo Dhaqqabaa Waariyoo qabsaa’aa gameessa hedduu kabaju. Bara 2004 ALA keessa hidhamtoonni ABO 700 taa’an mana hidhaa [karchallee] Baatuu irraa yeroo gad lakkifaman tooftaa obbo Daqqabaan nuu qopheessetti fayydamnee, kameeraa qabannee mooraa sana keessa seennee waan achi keessa jiru mara suuraa kaafnee gazexaa irratti maxxansinee turre. Suuraa maxxansa kana wajjin dhiyaate gaafas kaane); akkasumas obbo Olbaanaa Leellisaa, Iyoob Baayyisaa fi kan biroo hedduun keessa jiru. Namoota tola ooltummaan nu faana hojjetan hedduu isaanii nutu ofii keenyaan leenjisee bobbaasa ture. Gaaddisa hawaasaa jalatti socho’aa turan. Jaalalli isaan saba isaanii fi ogummichaaf qaban hamilee nutti hor’a ture.

Maddi odeeffannoo keenyaa inni lammaffaan SBO ture. Oduu SBOtiin dabru waraabuudhaan afaan baraachisutti hiiknee barreeffamaan gaazexaa irratti dhiyeessina turre. Bara sana miidiyaan hawaasaa akka har’aa waan hin jirreef Oromoo saboonaan SBO caqasa ture. Sababuma kanaan Wayyaanee/OPDOn SBO irratti xiyyeeffachuudhaan jaam gooti [sagaleen akka hin dhagaa’amneef wavii irratti gad lakkisuun ugurti] turte. Kanaaf namni dhaggeffachuuf carraa argatu muraasa ture. Rakkoo kana irra aanuudhaaf furmaata yaaliidhaan [error and trial] argadhen qaba ture. kanaafiyyuu Raadiyoon kiyya yeroo mara gargar diigamtee teessi turte. Sababni isaas, akkuma Wayyaaneen tamsaasa SBO ugguruuf weevii ishiiiii…ishiiiii…shooo’aa…. jedhu irratti gad lakkisu eegaltuun sagalee qulqulluu argachuuf raadiyoottii diigee tamsaasa barbaadduu [tuner] ishee suuta nanneesuudhaan sagalee SBO qulqulluu argachuuf yaali geggessa. Yeroo danuu naa milkaa’ee, uggura sana irra aannee, odeeffannoo barbaannu dhiyessuuf itti milkaa’aa turre. Mala kana eessaa akkan fide anuu hin beeku. Kana malees, namoonni quuqama sabaa qaban kanneen hordoffii tamsaasa raadiyoo [news broadcasting monitoring] mootummaa keessaa hojjetan, barreeffama [transcript] tamsaasa SBO fi kan biroo nuun gahu turan.



Itti fufa—–

Leave a Reply