Walloo Baateetti Uummanni Alabaa Oromoo Dhaabbate!

Share/Qoodi
Walloo Baateetti Uummanni Alabaa Oromoo Dhaabbate!

(OROMOTV) Kaaba Oromiyaa Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Baateetti uummanni alabaa Oromoo dhaabbatee jiraachuun beekame.

Walloo Ona Baatee keessatti Waraanni Bilisummaa Oromoo haalaan socho’aa jiraachuun yeroo dhagaa’amaa jiru kanatti uummanni naannoo alabaa Oromoo dhaabbatee jiraachuudha kan odeeffama jiru.

Tibbuma kana Waraanni Bilisummaa Oromoo Magalaa Kamisee to’achuu hordofee uummanni ba’ee gammachuu isaa kan ibsate yoo ta’u, mootummaan bilxiginnaa kanaaf deebii kennuuf jecha uummata nagaa xiyyaaraan haleeluun namoonni 38 ol yoo du’an, 42 ol ammoo madaa’uun kan yaadatamu.

Yeroo ammaa illee irra deddebiin mootummaan bilxiginnaa uummata Oromoo Walloo xiyyaaraan haleelaa jiraachuu maddeen nuuf himaa jiru.

Maddi: SBS-Sadaasa 8/2021

Leave a Reply